Jimmaa Jaawwii Development Association (JJDA)
Jimmaa Jawwii Development Association (JJDA) ogeessota biyya alaa (diaspora) fi hawaasa naannoo walitti fiduun, barnoota cimsuu, fayyaa fooyyessuu, aadaa eeguu, fi misooma itti fufiinsa qabu Jimmaa Gannatii fi Jimmaa Raaree keessatti jajjabeessa.
Nuti jireenya hawaasa Jimmaa Jaawwii keessatti fooyyessuuf kutannoo qabna; kana jechuun barnoota guddisuu, wal deeggaruu hawaasaa cimsuu, aadaa eegu, fi hojii misoomaa itti fufiinsa qabu babal’isuudha.
Mana barumsaa, barattootaa fi barsiisota deeggaruun—qabeenya, gorsaa fi hojii hawaasa irratti hundaa’e gargaarsa kennina.
Sirna qonnaa naannoo hin miine jajjabeessuun, jireenya ummataa cimsina.
Namoota hojii ofii isaanii akka uuman, galii akka argatanii fi dinagdee jajjabeessan deeggarra.
Ergama keenya deeggaraa. Fedhii keessaniin hojjedhaa. Waliin hojjedhaa